eng stringlengths 2 554 | orm stringlengths 3 691 |
|---|---|
Let him feel the consequences , and the lesson will be long lasting . | Kanaa mannaa miidhaa gochisaa isatti fide hubachuudhaan , barumsa yeroo dheeraadhaaf isa gargaaru akka argatu godhaa . |
He seethed with hatred for his brother . | Kanaa mannaa obboleessasaa garmalee akka jibbu argisiisuu jalqabe . |
Are you convinced in your heart that you are " seeking first the kingdom and [ Jehovah 's ] righteousness " ? - Matt . | Kanaaf , ' duraan dursitee yaadakee mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaaduutti hidhaa ' jiraachuukee mirkanaaʼaa taateettaa ? - Mat . |
He thus proved that Adam too could have obeyed God if he had chosen to do so . | Kanaaf , Addaamis ajajamuu utuu filateera taʼe , Waaqayyoof ajajamuu akka dandaʼu mirkaneesseera . |
So true religion differs from religion based on men 's ideas . | Kanaaf , amantii dhugaan amantii yaadawwan namootaarratti hundaaʼerraa addadha . |
Small wonder that the anointed ' greatly rejoice ' in their living hope ! | Kanaaf , dibamtoonni abdiisaanii isa jiraataatti ' baayʼisanii gammaduunsaanii ' nama hin dinqisiisu . |
Therefore , never hesitate to seek their spiritual assistance . | Kanaaf , gargaarsa isaan karaa hafuuraa nuu godhan barbaachuurraa duubatti jechuu hin qabnu . |
So when brothers overcome difficulties and the problems pass , the right thing to do is to move on and continue to help others make spiritual progress . | Kanaaf , obboloota gidduutti walitti buʼinsi uumamee rakkoonsaa yeroo darbutti , wanti sirriin godhamuu qabu namoonni kun karaa hafuuraa guddina akka godhan gargaaruu keenya itti fufuudha . |
Thus , the fulfillment of Bible prophecies provides convincing evidence that the Bible is God 's Word . - Read Joshua 23 : 14 ; 2 Peter 1 : 20 , 21 . | Kanaaf , raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu keessa jiran raawwatamuun isaanii , Kitaabni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuu isaatiif ragaa amansiisaa taʼa . - Iyaasuu 23 : 14 ; 2 Phexros 1 : 20 , 21 dubbisi . |
In fact , I want to involve them in any relationship I have rather than hide it from them . " | Kanaaf , walitti dhufeenya akkamiiyyuu namootaa wajjin yoon qabaadhe , isaan dhoksuu mannaa wanta hunda isaanitti himuun barbaada . " |
So Exodus 12 : 6 was understood to refer to the end of Nisan 14 , between the time when the sun started to decline ( after noon ) and the end of the day at sunset . | Kanaaf , yaadni Ba 'uu 12 : 6rra jiru xumura Niisaan 14 , jechuunis yeroo aduun lixuu jalqabduu kaasee hanga guutummaatti lixxutti jiru kan argisiisu akka ta 'e hubachuun ni danda 'ama . |
She cried out to Job : " Are you yet holding fast your integrity ? | Kanaaf Iyoobiin , " Ati amma iyyuu qajeelummaa keetti qabamtee jirtaa ? |
Go , then , and learn what this means : ' I want mercy , and not sacrifice . ' | Kanaaf dhaqaa , ' Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafina nan barbaada ' jechuun maal jechuu akka taʼe hubadhaa . |
Let us , therefore , see how we can show by our actions that we truly understand that " Jehovah our God is one Jehovah . " | Kanaafuu , " Waaqni keenya Yihowaan Yihowaa tokko " akka taʼe dhugumaan hubachuu keenya gocha keenyaan akkamitti akka argisiisnu haa ilaallu . |
She said : " No , indeed ! | Kanaafuu , " Waawuu , maqaan isaa Yohannis haa jedhamu malee " jettee deebisteetti . - Luq . |
We therefore hold Jesus ' blood as something sacred , " precious . " - 1 Peter 1 : 19 . | Kanaafuu , dhiiga Yesus ' isa gati - jabeessa ' akka qulqulluutti ilaaluu qabna . - 1 Phexros 1 : 19 . |
So they stood firm , setting a sterling example for us today . - Num . | Kanaafuu , jabaatanii dhaabachuudhaan fakkeenya gaarii nuu taʼaniiru . - Lak . |
We therefore respect Jehovah 's right both to set standards and to give loving discipline when we violate them . | Kanaafuu , mirga Yihowaan ulaagaalee nuuf baasuuf , akkasumas yommuu isaan cabsinu adaba jaalala irratti hundaaʼe nuuf kennuuf qabu ni kabajna . |
No wonder there are so many unhappy people today ! - Proverbs 18 : 11 ; 23 : 4 , 5 . | Kanaafuu yeroo har 'aatti namoonni baay 'een gammachuu kan hin qabne ta 'uunsaanii waan nama dinqisiisu miti ! - Fakkeenya 18 : 11 ; 23 : 4 , 5 . |
In the past , all recommendations involving the appointment of elders and ministerial servants were sent to the local branch office . | Kanaan dura jaarsoliifi tajaajiltoota gumii muuduuf yaadni dhihaatu gara waajjira dameetti ergama ture . |
And out of all his distresses He saved him . " | Kanaan kan ka 'es akkas jedhe : " Namichi gadadamaan kun yommuu iyyate , Waaqayyo isaaf dhaga 'e , rakkina isaa hundumaa keessaas isa in oolche . " |
Remember , choosing the wrong path could distance you from Jehovah . | Karaa dogoggora taʼe filachuun Yihowaarraa si fageessuu akka dandaʼu yaadadhu . |
On the other hand , the book says : " An ambulance should be called if the seizure continues for more than five minutes , if another seizure immediately follows the first , or if the person does not regain consciousness a few minutes after the seizure ends . " | Karaa garabiraammoo , kitaabichi itti fufuudhaan akkas jedheera : " Gaggabdoon sun daqiiqaa shanii oliif yoo irra ture , akkasumas ittaansuudhaan ammas yoo gaggabe ykn erga gaggabdoon sun isa dhiisee booda daqiiqaa muraasa gidduutti yoo of baruu dadhabe , dafanii mana yaalaatti isa geessuun barbaachisaadha . " |
Why do you want to move forward spiritually ? | Karaa hafuuraa guddina gochuu kee itti fufuu kan barbaaddu maaliifi ? |
We may have to endure challenges if we want to pursue an upright course . | Karaa qajeelaa taʼe hordofuu yoo barbaanne , haalawwan rakkisaa taʼan keessatti ejjennoo keenya eeguun nu barbaachisuu dandaʼa . |
Another way we can imitate Moses is to cultivate self - sacrificing love for others . | Karaan fakkeenya Musee itti hordofnu garabiraanimmoo , warra kaaniif jaalala fedhii ofii aarsa gochuu gaafatu qabaachuudha . |
One important way is by always putting our confidence in the ones whom Jehovah and Jesus are trusting to lead us in our preaching work . | Karaan inni guddaan kana gochuu itti dandeenyu , hojii lallabaa keenya akka geggeessaniif namoota Yihowaafi Yesus muudanitti yeroo hunda amanamuudha . |
It is particularly important to reach out to those in religiously divided families . | Keessumaa ijoollee maatii amantiidhaan qoqqoodame keessa jiraatan gargaaruuf carraaqqii gochuun barbaachisaadha . |
If you are now a baptized Christian , have you thought about the fact that your life course should , and likely does , reveal your ongoing pursuit of righteousness ? | Kiristiyaana cuuphamte yoo taate , akkaataan jireenyaakee qajeelummaadhaaf dhama 'aa akka jirutu kan argisiisu ta 'uu akka qabu yaaddee beektaa ? |
An unmarried Christian who is contemplating wedlock is in a position to get marriage off to a fine start by following God 's guidance . | Kiristiyaanni qeenteen gaaʼela godhachuu barbaadu , qajeelfama Waaqayyoo hordofuudhaan gaaʼellisaa jalqabumaa kaasee gaarii akka taʼu gochuuf carraa qaba . |
What is involved in Christian dedication ? | Kiristiyaanni tokko of murteessuunsaa maalfaa dabalata ? |
Those Hebrew Christians had to stop thinking that they could earn Jehovah 's approval by performing works based on the Mosaic Law . | Kiristiyaanonni Ibroota taʼan sun , Seera Museerratti hundaaʼanii hojii hojjechuudhaan Yihowaa biratti fudhatama arganna jedhanii yaaduu dhiisuu qabu turan . |
True Christians give their exclusive devotion to Jehovah | Kiristiyaanonni dhugaan Yihowaadhaaf guutummaatti kan bulanidha |
Would all anointed Christians " shine " ? | Kiristiyaanonni dibamoon hundi ' in ifuuʼ ? |
Each Christian should ask himself , ' Do I make myself available to others or do I often appear to be too busy ? ' | Kiristiyaanonni hundi , ' Warri kaan akka natti dhihaatan karaan isaanii banamoo , yeroo baay 'ee nama hojiin itti baay 'atun fakkaadha ? ' jedhanii of gaafachuu qabu . |
Of course , for various reasons , all Christians go through times when it seems difficult for them to maintain their Christian integrity . | Kiristiyaanonni hundi , sababii addaddaatiin yeroon amanamummaasaanii eeganii jiraachuun ulfaataa isaanitti taʼu akka jiru beekamaadha . |
And how would Christians be able to recognize his representatives ? | Kiristiyaanonni namoota Waaqayyoon bakka buʼan beekuu kan dandaʼan akkamitti ? |
Christians today have good reason for imitating Hannah 's example . | Kiristiyaanonni yeroo harʼaa fakkeenya Haannaa hordofuuf sababii gaʼaa qabu . |
By conducting a series of brief , informative discussions , you can use the Bible Teach book to lead the person into a regular study of God 's Word . | Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamuun maree gabaabaa itti fufiinsa qabuufi barumsa argamsiisaniin gargaaramtee gara qayyabannaa Macaafa Ququlluu idilee ta 'etti ceesisuu dandeessa . |
" When he was being insulted , " the Bible says , " he did not insult in return . . . , but he entrusted himself to the One who judges righteously . " | Kitaabni Qulqulluun , " Yommuu isa arrabsan deebisee hin arrabsine . . . Kanaa mannaa isa qajeelummaadhaan murteessu Sanatti imaanaadhaan of kenne " jedha . |
The Bible reveals that our heavenly Father , Jehovah God , deeply loves us and that he lets us know what he would like to see us do . | Kitaabni Qulqulluun Yihowaan inni Abbaa keenya isa samii taʼe baayʼee akka nu jaallatuu fi maal gochuu akka qabnu akka nutti himu ibsa . |
What does the Bible say ? | Kitaabni Qulqulluun maal jedha ? |
No , for the Bible shows that friendship with God is something that each of us can attain . | Kitaabni Qulqulluun tokkoon tokkoon keenya Waaqayyoo wajjin michummaa uumuu akka dandeenyu waan ibsuuf , akkana jennee yaaduu hin qabnu . |
The New International Dictionary of New Testament Theology explains : " The image expressed by the verb here and perhaps elsewhere is most probably smoothing the surface of a wax writing - tablet for re - use . " | Kitaabni Za Niiwu Intarnaashinaal Dikshinarii oov Niiwu Teestaamanti Ti 'ooloojii jedhamu , yaada kana yeroo ibsu akkas jedheera : " Yaanni asirrattis ta 'e bakkawwan biraatti jechi kun dabarsu , gabatee gagaa dibamee yeroo lammataaf faayidaarra akka ooluuf wanta achirratti barreeffame haxaa 'uu kan argisiisu hin ta 'i... |
The World Book Encyclopedia observes that most scientists believe that all humans have descended from the same source , and the Bible plainly identifies that one source - the " one man . " | Kitaabni Za Worlid Buuk Insaayikilooppeediyaa jedhamu saayintiistonni baay 'een , ilmaan namootaa hundi sanyii tokkorraa akka dhufan kan amanan si 'a ta 'u , Macaafni Qulqulluunis sanyii kana " nama tokko " jedhee ifatti dubbata . |
His Book of Optics is described as " a real science textbook , " complete with precise descriptions of experiments , apparatuses , measurements taken , and results obtained . | Kitaabni isaa Book of Optics jedhamu , " kitaaba barnootaa saayinsii gaarii , " ibsa yaaliiwwan qorannoo sirrii taʼan , meeshaawwan , safartuuwwan fudhatamanii fi buʼaawwan argaman sirriitti qabate dha . |
And how embarrassing for his enemies ! - Read Jeremiah 1 : 19 . | Kun , Yihowaadhaaf injifannoo , diinotasaatiifimmoo qaanii mitii ? - Ermiyaas 1 : 19 dubbisi . |
That , of course , is not only discouraging but also untrue . | Kun abdii kan nama kutachiisu ta 'uusaarrayyuu , dhugaa jirurraa kan fagaatedha . |
Need we be upset because of this ? | Kun abdii nu kutachiisuu qabaa ? |
The result ? | Kun faayidaansaa maali ? |
This raises two questions : In what way has Jehovah acted as a Father ? | Kun gaaffiin armaan gadii akka kaʼu godha : Yihowaan Abbaa kan taʼe karaawwan kamiini ? |
In that respect , his anxiety proved to be an asset , for it moved him to extend needed help . | Kun gargaarsa barbaachisu kennuuf waan isa kakaaseef , yaaddaʼuun isaa faayidaa qaba ture . |
This is a rude awakening for children ! | Kun immoo , wanta ijoollee naasisu dha ! |
In turn , we are in a better position to help and encourage them . | Kun immoo isaan gargaaruu fi isaan jajjabeessuu akka dandeenyu godha . |
This is an effective way to arouse their interest in studying the Bible . | Kun karaa bu 'a qabeessa fedhii qayyabannaa Macaafa Qulqulluuf qaban itti kakaasamudha . |
What a wonderful expression of God 's " undeserved kindness " ! | Kun karaa dinqisiisaa ' ayyaanni ' Waaqayyoo itti mul 'atedha . |
Jeroboam even invented his own day of " festival for the sons of Israel , " and he proceeded " to make offerings upon the altar to make sacrificial smoke . " - 1 Ki . | Kun utuu isa hin ga 'in , " ayyaanicha akka ayyaaneffataniif Israa 'elootaaf dhaabee " " aarsaa dhi 'eessuudhaaf . . . ixaana aarsuudhaaf iddoo aarsaatti ol in ba 'e . " - 1 Mot . |
We realize that this is the right thing to do , the very thing that we have been designed to do . | Kun wanta sirrii godhamuu qabu taʼuusaa beekna ; kaayyoon uumamneefis kanuma . |
This requires developing the " art of teaching . " | Kunimmoo , " ogummaa barsiisuu " guddifachuu gaafata . |
This has been a big help . | Kunimmoo gargaarsa guddaa naa taʼeera . |
It is the evidence , as if displayed on their uncovered foreheads , that such sheep are dedicated , baptized disciples of Jesus Christ and that they have put on the Christlike new personality . | Kunimmoo hoolonni kun duuka buutota Yesus Kiristos warra of murteessaniifi cuuphaman ta 'uusaanii akkasumas , namummaa haaraa Kiristosiin fakkaatu akka qaban kan argisiisudha . |
Such treatment may tempt us to compromise so as to escape further beatings , torture , or possibly death . | Kunis , reebichaafi gidiraa dabalataa ykn duʼa jalaa ooluuf amantii keenya laaffisuuf akka qoramnu nu gochuu dandaʼa . |
The result ? | Kunoo miidhaa akkamii geessisa ? |
This section of Scripture included Zechariah . | Kutaan Caaffata Qulqullaaʼoo kanaammoo raajii Zakaariyaasis kan dabalatudha . |
It is this portion of the brain that permits mothers and their babies to bond . " | Kutaan sammuu inni haadhaafi ilmoo wal jaallachiisu isa kanadha . " |
Peak publishers and average publishers . | Lakkoofsa guddaa babalʼistootaafi lakkoofsa giddu galeessa babalʼistootaa . |
What better training could he have received ? | Leenjii kana caalu eessaayyuu argachuu hin danda 'u ture . |
May we take full advantage of the training Jehovah provides , confident that it will benefit both us and those who listen to us . | Leenjiin Yihowaarraa argannu nuunis taʼe namoota nu dhaggaʼan waan fayyaduuf akka gaariitti itti haa fayyadamnu . |
At that time , David sang : " Show me favor , O God , show me favor , for in you my soul has taken refuge ; and in the shadow of your wings I take refuge until the adversities pass over . " - Psalm 57 : 1 . | Lubbuun koo kooluu waan sitti galteef , araara anatti argisiisi ! Badiisi jabaan hamma darbutti , ani gaaddisa bobaa kee jalatti kooluu nan gala . " - Faarfannaa 57 : 1 . |
THE Bible remains the most popular book in the world . | MACAAFNI QULQULLUUN macaafa addunyaarratti beekamaa ta 'edha . |
PORTO ALEGRE , a city in southern Brazil , some time ago hosted an international conference on social issues . | MAGAALAAN galaana qarqaraa Poortoo Aleegrii jedhamtuufi kaaba Biraaziilitti argamtu , yeroo muraasa dura walgaʼii biyyoolessaa dhimmoota hawaasaarratti mariʼatu tokko keessummeesitee ture . |
COVER SUBJECT | IS THE BIBLE RELEVANT TODAY ? | MATA DUREE FUULA JALQABAA | MACAAFNI QULQULLUUN YEROO HARʼAATTI NI FAYYADAA ? |
Let us see why . | Maaliif akka taʼe haa ilaallu . |
Many elderly Christians can recall the wise advice they received from faithful older ones and how acting on it has benefited them throughout their lives . | Maanguddoonni Kiristiyaanota ta 'an hedduun , gorsa gaarii maanguddoota amanamoo isaan dura turanirraa argatan hojiirra oolchuun jireenyasaanii guutuu faayidaa akkamii akka isaanii argamsiise ni yaadatu . |
Mario , who lives in Europe , was a violent man who smoked and sold marijuana . | Maariyoon inni biyya Awurooppaa jiraatu nama hamaa , maariwaanaa xuuxuufi gurguru ture . |
At the time he became one of Jehovah 's Witnesses , Mario had a lucrative job with a prestigious German automotive company and had opportunity for advancement . | Maariyoon yeroo Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼetti , hojii mindaa gaarii argamsiisu qaba ture ; kan hojjetu kubbaaniyyaa konkolaataa Jarman beekamaa taʼe keessatti yommuu taʼu , guddina argachuufis carraa qaba ture . |
" When I learned at a convention that regular family worship is vital for us to survive Jehovah 's great day , I understood that I needed to go home , " Marilyn recalls . | Maarliin , " Walgaʼii koonyaa tokkorratti waaqeffannaan maatii dhaabbataa taʼe guyyaa Yihowaa isa guddaarraa ooluuf barbaachisaa akka taʼe ennaan baradhu , manatti deebiʼuu akkan qabun hubadhe . |
Why , then , is Martha mentioned in this way in the Gospel account ? | Maartaan seenaa Wangeelaa keessatti haala kanaan kan ibsamte maaliifi ? |
How can families be happy ? | Maatiin gammachuu argachuu kan danda 'u akkamitti ? |
They felt that she was turning her back on her family . | Maatiin ishii akka isaan gante isaanitti dhagaʼame . |
She adds , " Reading the Bible daily has drawn me closer to God . " | Macaafa Qulqulluu guyyaa guyyaadhaan dubbisuun koo Waaqayyotti caalaatti na dhiheesseera . " |
However , God knows the point beyond which a test would prove nothing more as far as our integrity to him is concerned . | Macaafni Qulqulluun , " Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii in buufata , inni isaan in oolchas " jechuudhaan nuu mirkaneessa . |
The Bible states : " The one keeping his lips in check is acting discreetly . " " The man of broad discernment is one that keeps silent . " | Macaafni Qulqulluun , ' Namni arrabasaa eeggatu ogeessadha ; ' akkasumsa , ' Namni hubataan calluma jedha ' jedha . ( Fak . |
The Bible says : " Before the quarrel breaks out , take your leave . " | Macaafni Qulqulluun , ' Waliin morkiin utuu hin jabaatin ati duraa maqi ' jedha . |
The Bible encourages young people to cultivate their " thinking ability . " | Macaafni Qulqulluun , dargaggoonni dandeettii " dubbii gargar baasuu " akka horatan jajjabeessa . |
The Bible says that a person 's associates can be a powerful influence , either for good or for bad . | Macaafni Qulqulluun , hiriyaan dhiibbaa gadhees taʼe dhiibbaa gaarii geessisuu akka dandaʼu dubbata . |
The Bible does allow for divorce on the grounds of sexual immorality . - Matthew 19 : 9 . | Macaafni Qulqulluun , sababii ejjaatiin wal hiikuu ni heyyama . - Maatewos 19 : 9 . |
The Bible shows , however , that the purpose of Judgment Day is to rescue people from injustice . | Macaafni Qulqulluun garuu , kaayyoon Guyyaa Firdii namoonni murtoo qajeelaa akka argatan gochuu akka taʼe dubbata . |
Some 40 men wrote them . The first five were written by Moses about 3,500 years ago . | Macaafonni jalqabaa shanan Museedhaan kan barreeffaman waggaa 3,500 dura ture . |
When we show respect for the home and property of those in our territory , our conduct may attract some individuals to the truth . - Read 1 Peter 2 : 12 . | Manaafi qabeenya namoota naannoo tajaajilaa keenyatti argamanii akka kabajnu argisiisuun keenya , akka isaan dhugaa fudhatan gochuu dandaʼa . - 1 Phexros 2 : 12 dubbisi . |
A family head states : " Family worship helps us tremendously . | Mataan maatii tokko akkas jedheera : " Waaqeffannaan maatii guddaa nu gargaareera . |
See the article " Making Whole - Souled Sacrifices for Jehovah " in the January 15 , 2012 , issue of The Watchtower , pages 21 - 25 . | Mataduree , " Garaa Guutuudhaan Yihowaadhaaf Aarsaa Dhiheessaa " jedhuufi Masaraa eegumsaa Amajjii 15 , 2012 , fuula 21 - 25rratti argamu ilaali . |
This article discusses various ways in which we can show that we treasure our place in the Christian congregation . | Matadureen kun karaawwan addaddaa ga 'ee Gumii Kiristiyaanaa keessatti qabnuuf bakka guddaa akka kenninu itti argisiisuu dandeenyu ibsa . |
The simplified Watchtower has helped them to express themselves with such conviction . | Maxxansi Masaraa Eegumsaa afaan salphaatiin qophaaʼe yaadasaanii amanannaa akkasiitiin akka ibsan isaan gargaareera . |
Consider examples from the fields of meteorology and genetics . | Mee qorannoo haala qilleensaa fi jenetiksii akka fakkeenyaatti haa ilaallu . |
Let us go back to the scene described at Isaiah 62 : 10 . | Mee seenaa Isaayaas 62 : 10rratti ibsametti haa deebinu . |
As told by Melita Jaracz | Meliitaa Jaaraaz Akka Dubbattetti |
Materials were needed , so the people of Israel were invited to contribute . | Mi 'a ijaarsaaf barbaachisus akka kennan afeeramanii turan . |
Do you strive to imitate the faithful patriarchs as to your choice of associates and entertainment ? | Michootaafi bohaartii filachuurratti fakkeenya abbootii amantii amanamoo taʼan kanaa ni hordoftuu ? |
Such friendship is based on God 's love for us and our faith in him and his Son . | Michummaan akkasii jaalala Waaqayyo nuuf qabuufi amantaa nuti isaafi Ilmasaarratti qabnurratti kan hundaaʼedha . |
Subsets and Splits
No community queries yet
The top public SQL queries from the community will appear here once available.